Pilaankitoonii
From Wikipedia, the free encyclopedia
Ololokoo ykn cololi'oo(Afaan ingliziin: Plankton) jedhu micirjirtiwwan (orgaanizimoota) bishaan galaanaa akkasumas bishaan qulqulluu keessatti argaman hundaaf kan oolu yoo ta’u, isaanis kan hin sochii fi faallaa dambalii bishaanii daakuu kan hin dandeenyedha. Isaanis dambalii bishaaniitiin ni bololiyuu. Pilaankitooniin walitti qabaatti orgaanizimoota akka baakteeriyaa, saaphaphuu, kirustaashiyaanii, pirootozoowaanota, koeleentereetotaa fi moluskii fi miseensota murna biroo irraas dhufan agarsiisuuf itti fayyadama.
Pilaankitonoonni guddinaan baay’ee garaagarummaa kan qaban yoo ta’u, 0.2 𝝁m irraa hanga 20 cm ol ta’u. Baakteeriyaa shifargaa jalaatti argamuu irraa kaasee hanga orgaanizimoota gurguddoo kan akka Qurxummii dhonoqaa
Raabsiin isaanii ifaafi soorataa argamuun garaagarummaa qaba
Orgaanizimoonni bishaan keessa jiraatan gurguddoon pilaankitonoota irratti kan hirkatan yoo ta’u, isaan sooratu. Sirna ikoo keessatti gahee guddaa qabu. Faayitoopilaankitoon oksijiinii waliigalaa (O2) footosinteesiin ykn Jaarifaan uumamu keessaa %50 qaba.