Naannoolee Itoophiyaa
walloo / From Wikipedia, the free encyclopedia
Itoophiyaan fedeereshinii giddugalaa jalatti naannoolee mataa ofiin of bulchan qabduudha. Naannoolee Kudha tokkoo fi bulchiinsa magaalaa lama kan Heeraa Mootummaa Itoophiyaan bara 1992 raggaasifame qabdi. Bara 2012 Godinni Sidaamaa riifarandamii taasiseen sagalee akkaan caalmaa ta'e argachuun naannoo kudhanaffa Itoophiyaa ta'e. Kanamalees Godinaaleen Oomoo Lixaa, Beenchi Shakkoo, Kafaa, Daawuroo fi Shakkaa akkasumas [[Aanaan Addaa Kontaa ]] ALI Fulbaana 20, 2014 filannoo riifarandamii gaggeessuun, sagalee naannoo ta'uuf isaan dandeessisu taasisan. Sadaasa 13, 2014 ALI Naannoon Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa sagantaa hundeeffamasaa taasise. Naannoolee kanniin keessaa ummata baayyee qabaachuun Oromiyaan kan duraati. Oromiyaan ballina lafaa 353,690 km2 qabaachuunis naannoolee hundarra guddoo yoo taatu naannoon Harar immoo baayyina ummataa fi ballina lafaan ishee xiqqoodha.