Lafa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Lafti Lafjoo sadarkaa sadaffaa Biiftuu irraa faagaatee argamtu yoo ta'u, Walaabuu keessatti bakka jireenyi itti ka'ee fi bakka jireenyaa itti argamuu ishee qofaadha. Lafti Sirna Biiftuu keessatti bishaan baay'ee qabaachuu dhiisuu dandeessi, dirra dhangala'aa bishaan kan itti qabduu lafa qofa yoo ta'u, garboota ishee waliin lafa %70.8 ol dirri ishee qaama bishaaniti kaanaaf, lafti addunyaa garbaa taasiseera. Naannoowwan bantii lafaa yeroo ammaa bishaan kanneen biroo hunda caalaa kan qaban yoo ta'u, bishaan lafa jalaa, haroowwan, lageen fi bishaan burqaadha. Lafti ardiilee fi odola kan of keessaa qabu yoo ta'u, dirri lafa %29.2 ol kan ta'u, biqiltootaan kan uwwifame dha.Dirra lafaa ykn fuula lafaa jalatti irri lafaa kan argamu yoo ta'u, kunis dirree tektoonikii suuta socho'u hedduu kan of keessaa qabu yoo ta'u, isaanis wal-nyaatanii gaarreen, volkaanoo fi kirkira lafaa uumuu danda'u.Alli dhangala'aan handhuura lafaa dirree maagneetii maagneetoosfiiraa lafa bocu maddisiisa, qilleensa aduu barbadessaa dabsee dabarsa.
Haguugni qilleensa lafaa fuula lafaa haalawwan akka bubutuwwanii (meteoroids) irraa ykn baqaanii ozoonii isheetiin ifa adurraa dhufuu fi carrallaa altiraavaayooletii xuxuunii fi barraqqeessuun fuula lafaa eega. Hurki bishaanii qilleensa keessatti bal'inaan kan argamu yoo ta'u, duumessa lafjoo kana harka caalu kan uwwisu yoo ta'u.Haguugni qilleensa lafaa fuula lafaa haalawwan akka bubutuwwanii (meteoroids) irraa ykn baqaanii ozoonii isheetiin ifa adurraa dhufuu fi carrallaa altiraavaayooletii xuxuunii fi barraqqeessuun fuula lafaa eega. Hurki bishaanii qilleensa keessatti bal'inaan kan argamu yoo ta'u, duumessa lafjoo kana harka caalu kan uwwisu yoo ta'u. gaazota Manfullee qilleessa keessa jiran kanneen biroo keessumaa kaarboon daayi'oksaayidii (CO2) waliin ta'uun anniisaan ifa Aduu lafa ga'u ugguruun ykn xiqqessuun, hoo'innii fuula lafaa keenya 14.76°C ta'asiisuu. Sadarkaan anniisaa aduu fuula lafaa gahu naannoowwan teessuma lafaa gidduutti adda addaa (akkuma naannoon mudhii lafaa naannoolee Baantii caalaa ifa aduu baay'ee argatu) kallattii qillensaa fi danbalii galaanaa oofu, sirna qilleensa addunyaa naannoo qilleensaa adda addaa akka qabu kan taatisee, taateewwan qilleensaa adda addaa kan akka rooba, qaamolee hayyamu kan akka naayitiroojiinii gara marsaa.
Lafti akkuma qaamolee Sirna Biiftuu keessa jiran irra caalaan isaanii waggoota kumkumla ykn billiona 4.5 dura gaazii Sirna Biiftuu jalqabaa keessa jiru irraa uumamte. Seenaa lafaa waggoota biliyoona jalqabaa keessatti galaanni uumamee booda jireenyi keessa isaa guddate. Jireenyi akka addunyaatti babal'atee qilleensaa fi fuula lafaa jijjiiraa kan ture yoo ta'u, waggoota biliyoona lama dura Taatee Oksaayidii Guddaatti geesseera. Ilmi namaa waggoota 300,000 dura kan uumame yoo ta'u, har'a baay'ina ummataa kumkumla 8 gaheera. Ilmaan namootaa lubbuun jiraachuu isaaniif baayoosfiiraa lafaa fi qabeenya uumamaa irratti hirkatu, garuu naannoo pilaaneetii kanaa irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Dhiibbaan dhala namaa yeroo ammaa haala qilleensaa fi baayoosfiiraa lafaa irratti qabu itti fufiinsa kan hin qabne yoo ta'u, jireenya namaa fi lubbu qabeeyyii biroo hedduu balaadhaaf saaxilee, badiinsa bal'aa fidasiisa.