Ibolaa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Ibolaan dhibee namaa fi piraayimeetota (primates) kaan qabu yoo ta'u dhibee kana kan fidus vaayiresii ibolaa ti. Mallattoon dhibee kanaa vaayireesin kun nama qabee guyyaa lamaa hanga torban sadi'iitti mul'achuu jalqaba; mallattoonsaas oo'a qaamaa, qoonqoon madaa'uu, dhukkubbii hirree, fi mataa bo'oofaa dha. Yeroo baayyee hoqqisiisuu, albaasuu fi waan akka finniisa fakkaatu qaamarratti yaa'un itti fufee dhufa, kana wajjin tiruu fi kaleen hojiin isaanii baayyee gadi bu'a. Yeroo kana, dhukkubsataan karaa qaama keessaa fi alaatin dhiigni keessaa yaa'uu jalqaba.
Vaayiresiin kun dhiiga ykn dhangala'aa bineelda dhukkuba kanaan qabamee yeroo tuqan nama qaba. Karaa qilleensaa tatamsa'uu danda'uunsaa hanga ammaatti hin mullanne. Sinbirri alkanii ija mukaa nyaattu vaayiresii kanaan odoo ofii hin qabamin baattee akka tatamsaastu amanama. Namni tokkicha qabamnaan, dhibeen kun namootarraa namootatti ni darba. Dhiirri dhibee kanaan qabamee fayye, vaayiresii kana karaa mi'oo hanga ji'a lamaatti nama biraatti dabarsuu danda'a. Dhibeen kun akka nama qabe baruuf, dhibeewwan mallatto Ibolaa fakkaatu qaban kan akka busaa, koleeraa, fi vaayireesota nama dhigsisan akka hin taane dura addaan baafama. Sana booda mirkaneessuuf, dhiigni dhukkubsataa fudhatamee antiibodii vaayiresii, RNA vaayiresii, ykn vaayiresii mataasaa akka qabu ni qoratama.
Ittisni dhibee kanaa, dhibeen kun bineeldota qabamanirraa gara namaatti akka hin tatamsaane to'aachuu dabalata. Kunis bineeldonni dhibee kanaan qabamuu isaanii sakatta'uu fi yoo qabaman ajjeessanii reeffa isaanii karaa sirrii ta'een gatuu dha. Foon seeran affeeluunii fi yeroo foon tuttuqan uffata ittisaaf ta'u uffachuun fayyaduu danda'a, akkasumas naannoo nama dhbee kana qabuu jiraannan, uffata ittisaaf ta'uu kaawwachuu fi harka dhiqachuunis ni fayyada. Eddattoon dhangala'aa qaamaa fi tishuu nama dhibee kana qabu irraa fudhatame of eeggannoo guddaan qabatamuu qaba.
Qorichi dhibee kana faayyisu hanga ammaatti hin argamne. Yaalin namoota qabamaniif godhamu yaalii gargaarsa qofa, kunis dhangala'aa karaa afanii kennuu (xinnoo miyaa'aa fi soogidda kan qabu) fi dhangala'aa karaa ujummoo dhiigaa kennuu dabalata. Dhibeen kun carraan ajjeesuusaa guddaa dha, kan qabman keessaa naannoo dhibbantaa 50% hanga 90% ni ajjeesa. Iboolan jalqaba kan argame Sudaan (amma Sudaan Kibbaa) fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti. Dhibeen ibolaa baayyinaan Afrikaa keessatti naannoo tirooppikii Sahaaraa gadiitti akka weeraraatti ka'a. Bara 1976 (bara itti jalqaba argame) hanga 2013tti, Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa keezii 1,716 gabaase. Weerarri guddaan hanga har'aatti uummame kan bara 2014tti Afrikaa Dhihaa keessatti ka'e yoo ta'u biyyoota akka Giinii, Seraa Liyoon, Laayibeeriyaa fi Naayijeeriyaa keessatti mul'ate. Hanga Onkoloolessa 1, 2014tti, namoonni 3,069 qabamuunii fi kana keessaa 1,552 du'uun gabaafameera. Talaallii humuufojjachuuf yaalin godhamaa kan jiru yoo ta'u, hanga ammaatti garuu hin argamne.